Furmaanni ni jiraWantoonni si dhiphisan kamiiyyuu furmaata wanta hin arganne sitti fakkaachuu danda’a. Situ furmaata hin beekne malee wanti firmaata hin qabne hin jiru. Kanaafuu qomoo koo/too ati furmaata wallaaltef furmaanni hin jiru jechuu nii dandeenyaa ree?ilaa nama koo wanta mataa si naannessu kamiiyyuu obsaan yoo fala barbaadde, wanti hunduu salphaadha. Obsa dhabuun kan dhabde argachuu osoo hin taanee, kan qabduuyyuu si dhabsiisa. Hunda caalaa immoo Yeroo fi iddoo kamittuu uumaa kee yaadadhu, ittis dhihaadhu. Yeroo san jireenyi kee bareedaa fi mi’aawwaa siif ta’aatii.

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started